[Intro]
Yaa jaalleen kankooo,
Duwwaa an si malee ooo, ooo
Yaa jaalleen kankoo
Yoggaa an si dhabee rakkoo
[Verse 1 - Obza]
Siif jechan ka'a rafiitii
Sababa rukuttaa onneekoo
Si yaade naa kottu Kaa dafiitii
Biiftu at anaaf tokkeekoo
Hiriyee ijoollummaa kan waliin guddanne laaqaa dhoqee eeee
Qoda qodaa taphachaa
Siifaana taanaan yeroon battalaan naa sokke
Jaalalaan an siif qabu dachaa
Wal qabannee kuree gamaa fiigna faaruu simbiraan durfamaa
Akka Bishaan borxaa nagaan ciisna
Nu Adda hin baanu gonkumaa
[Chorus]
Humna waaqa hin qabu yeroo hin deebisu
Tokkeekoo
Siin ala eenyummaankoo nan ceesisu
Lubbuukoo
Sifaana kolfuu gammachuu
Uuu
Siin ala gadduu gubachuu
Uuu
Kaleessa waggaan torban tokko
Harra torbannoo waggaa
Hirko simalee deemsikoo cookkoo
Duukkana fuulleenoo arga
Immimmaanni sin deebisne
Anis boouukooo hin dhiifne
Yaa Jaalallee lubbuukoo
Tokkeekoo
[Verse 2 - Obza]
An Abdii dargaggoo waggaa digdamii tokkoo
Seene universitii ciminaan barachuuf
ko Yaadi bar Rakkoo jalaa baasuuf warrakoo
Garuu akkamiinan dubbisa jaalala caaltuuf
Roobni waan waliin dabarsine nat agarsiisa
Aduun bifakee iftu na yaadachiisa
Gaafan ijakee bareeduu arge rakkinakoo na dagachisa
Hidhiikee guntuta harmakee qallina qamakee Kam himeen Kam dhiisa
Cinakoo jiraatteef an nagaan ciisa
Kaan jaalala keenya hawwa silaa
Kaan hinaaffaan of ciccira
hiriyaa obboleettii haadha fira
Kana hundaaf tokkeenkoo naa jira
[Chorus]
An waaqa miti yeroo hin deebisu
Tokkeekoo
Siin ala eenyummaankoo nan ceesisu
Lubbuukoo
Sifaana kolfuu gammachuu
Siin ala gadduu gubachuu
Kaleessa waggaan torban tokko
Harra torbani waggaa
Hirko simalee deemsikoo cookkoo
Duukkana fuulleenoo arga
Immimmaanni sin deebisne
Anis boouukoo hin dhiifne
Yaa jaalallee lubbuukoo
Tokkeekoo
[Bridge - Obza]
Dandeessuu amalakoo
Ogeettii malakoo
Sababa gammachuu yaa jaalalakoo
Yeroo waadaa walii galle odaa jalatti
Jennee Gonkumaa adda hin baanu hanga dhumaatti
Lubbuun lama turan harra takkittii
[Verse 3 - Obza]
At walakkaakoo an walakkaakee
Siin taanaan gammachuun arge
Qe'eekot marge
Garuu Caaltuun kana hunda dagattee
qarshiif jecha jaalala ishee geeddartee
Siin ala aduun badde dukkana na dhuunfate
Argaan dhabe Onneen na juruunfate
Waadaa Kee maa diigde
Yaa caaltu
Qobaat na gattee fiigde
An ta'e maraatuu
Karoora keenya fuulduraa bishaantu nyaate
Ijoollee babbareeddu akkakee fedhus abjuunkoo bishaan dhangaloofte taate
Fala naan faltanii ya sabaa
Libsuu ijaatti gar tokkeekoo dhaba
Ishee malee gaarummaan na daba
Jabinikoos caba
Si dhabee jireenyakoo fuulleetti hoofuu mitii
Si lolee guyyaa takkittii hin obsu giifti
Hanga ishee dhabu
Yaa waaq fudhadhu kiyya lubbuu
[Outro - Obza]
Yaa jaalleen kankooo,
Duwwaa an si malee ooo, ooo
Yaa jaalleen kankoo
Yoggaa an si dhabee rakkoo