Create New Playlist

Add a cover pic of your own choice

(Optional)

Name

AI Cover Generator

4 credits

Not enough credits (0/4).

Logout

Are you sure you want to Logout?

Close

Masjidul Aqsa Anthem 1 by Mohammed

SongGPT
Masjidul Aqsa Anthem 1 by Mohammed - Spiritual/World music cover art

Masjidul Aqsa Anthem 1

Spiritual/World

0:003:39
Lyrics
Description
Yaa babu salaat,
yaa baabu Salaah
Yaa Masjidul Aqsa
Ardul_Muqadasa
Dachii qulqulluu
Burqa barakaa
Jaalala keetu
Na keessa hurka
Lafa Raahmanni
Itti lola'e
Gola nabiyyoonni
Keessaa yaa'ee
Balbala salaanni
keessaan nuuf bu'ee
Ulaa tasgabbiin
Ittiin as ba'e
Yaa babu salaat,
yaa baabu Salaah
Yaa Masjidul Aqsa
Ardul_Muqadasa
Seena qabeettii lafaa
Hangafa Umriin qaataa
Handhuura Islaamummaa
Kan ormaa akkamiin taata
Akkaataan uumamaa
Caasaan teessumaa keetu
Daangaaf Jaaramni kee
Dhugaa kee dubbatu
Argaa dhugaa qabaatee_
Kan Ilaalee hubatu,
Barruu seenaaa gaafatee
Burqaa kee haa qoratu.
Miidhagduu kara deemaan
Laalee sirraa maraate,
Nabiyyootaa Meeqatu
Si keessatti salaate.
Boqonnaa sammuu koo
Jiruu koof gaaddisa
Karaa jannataa koo
Eenyufan si dhiisa
Yaa babu salaat,
yaa baabu Salaah
Yaa Masjidul Aqsa
Ardul_Muqadasa
Booyichi ilmaan yatiima
Miidhamtu ijoolle gaazaa,
Birmanna dhabde har'as
Gubee Garaa na raasa.
Osoo dhageenyu argaa
Ukkamamnee laallaree?
Araddaa keenyaa baasne
Diinqa ormaa keenyaree?
Falasxinii birmadheen
gaazaaf Aqsa ko tumsa,
Waa kanko ormaan dhiisuu
bilisoomsu dadhabus_
Du'eefin jala ciisa.
Anis Sin woliin ta'een
Lubbuu koo aarsaa laadha
Salahadinal_ayyub
waliinan Jiraadha
Ergaman qaba harkaa
Dhaamsa ganamaa
Rakkoo na baase manaa
Miidhama obbolummaa
bilisoomsufin deeme
Qabeenyan saamame
Mahdiitti naaf dhaami
yoon an wareegamee
Yaa babu salaat,
yaa baabu Salaah
Yaa Masjidul Aqsa
Ardul_Muqadasa
Dhiigni keessan lola'e
worri wareegamtanii
caba lafee keessani
diiniif aarsaa gootani
Obsitan amma Obsaa
dachiinu kan baannee
tiksitan Hambaa Rasuula
amaanaa diinaa laannee
sadan Masjida Nabii
tartiibaan lakkooftanii
hambaa Islaamaa tiksitan
baguma milkooftani
wakegamaaf baatanii
kaneen lubbuun haftan
galma injifannoo ga'uuf Kan carraaqaa jirtan ammas jajjabaadha hidhannoo nuuf jabeessaa qoorsaa imimmaan yaatimaa galma milkii nu geessaa faana wolii hiriirree seera Rabbii tiksina qaama tokko yoo taane shira diina jigsina biyiliyoonota jira duuba faana keessani tokkoon keessanuu kuma yoo Rabbiif dhabbatani yaa babu salaat,
yaa baabu Salaah Yaa Masjidul Aqsa Ardul_Muqadasa yaa gooftaa jabaa qilleensi siif loluu mujahidni kan kee akka milkiin nuuf galu inni ibidda gubaarra ibraahimiin baraare nuhaa agarsiisuu ilmaan Gaazaa gargaare beelaf dheebu jara hawdii kee obaasi rakkoo keessoo jara obbolummaadhan dhoksi sagaleen guddichi gubbaa dirra lafaa biiftuun ifaa Qur'aanaa laallabni hangafaa sichuu babal’atee adduuniyaa wolga'a jechii gooftaa uumaa qajeelcha nuuf ta'a