Create New Playlist

Add a cover pic of your own choice

(Optional)

Name

AI Cover Generator

4 credits

Not enough credits (0/4).

Logout

Are you sure you want to Logout?

Close

Heartfelt Echoes 1 by Mohammed

SongGPT
Heartfelt Echoes 1 by Mohammed - World music cover art

Heartfelt Echoes 1

World

0:003:15
Lyrics
Description
Ifa Fuula keeti
argadhe hin ibsanne
Mi'aa Arraba kee
Qaqqabee hin dhandhamne
Abu bakrii ta'ee
Dagalee siin taane
Bilaalinis ta'ee
Sagalee ke hin taane
Akka umar ta'ee
Nageenya ke hin taane
Usmanis ta'ee
Qabeenya ke hin taane
Anas ibnu maalik
Tajaajilaa kan kee,
Huzeeyfa ibnul yaman
Baata iccitii kee
Gaafa abu xalahaan
Sibiratti laamsha'e
Yaa Badhaasa dachii
Siif jechaa maalin ta'e
Ilkaan koo siif hin cabne
Argaakoo siif hin dhabne
Siif jecha gubamee
Siif jechas hin hubamne
Gaafa Maqaan kee tuqamu
maqaamni kee diigamu
Waa tokkollee hin dhaga'uu
Waa sii gochuu hin danda'u
Hiree saahabaan argatte
Dirree gabaan dhaabatte
Dhaabadheetaniin joora
Maalin bitee gurgura
Muhaajira ta'ee
faana keen Godaannee
Ansaaras fakkaadhee
Jiruu koo si laanne
Yeroo firri si jibbee
Dhaagadhaan si dhiigse
Gaachana sirra qabe
An yooman si tikse
Si woyya sharariiti
Jirbii boollatti foote
Si woyya yaa ududdee
Kan Rasuula dhoksite
Yeroonni bosonatti
Qaamaan sitti mul'atee
Ani,Kaadima Abul Qaasimi
Jedhe sitti dubbate
Ati leenci dhugumaa
Foonuma akkas jaalattu
Kaadima Nabiyyiitiif
Carraa jireenyaa laattu
Ni beekti gaalli Sunis
Gara laafummakee
Isin sitti dubbatte,
Isin imimmaan buufte
Rakkoosi sitti himatte
Ani dhuguma eenyu
Bineensaa si tiksu
Hawwii lubbuu koof Jecha
sunnaa ke kanan cabsu
Isa ifee mul'atu
Kan aduu fakkaatu
Isa bilisoomse
Nageenya naaf laatu
Gaafa an hidhamee
Dubbachuu dadhabu
Isa naaf dubbatu
Gaafa nabiyyoonni hundi
Of sodaanni jaarsummaa
dhaabbatu.
Isa Daandii saaqe
Ibse naaf mul'isu
a Isa ibiddarraa tiksee
a Na ittisu.
Isa na bararuuf takkaa
yaatee hin quufne
a Duuniyaarra jiraachuuf
a Kan qabeenya hin kuufne.
Kan jiraate hin beekne
aAangoodhaan olta'ee
a Isa nuu ol fuuchuuf
a Ofii gadi ta'e.
a Qoricha ilma nama
a Dawaa Addunyaa
a Ofumaan of gowwomsee
a Liqimsuu of dhowwa