Create New Playlist

Add a cover pic of your own choice

(Optional)

Name

AI Cover Generator

4 credits

Not enough credits (0/4).

Logout

Are you sure you want to Logout?

Close

Gaachana Ija Hamtootaa 1 by Mohammed

SongGPT
Gaachana Ija Hamtootaa 1 by Mohammed - Spiritual,both vocals music cover art

Gaachana Ija Hamtootaa 1

Spiritual,both vocals

0:003:46
Lyrics
Description
Gaachana ija hamtootaa,
Boqonnaa qalbii naaf ta’ee,
Badhaasa natti uffisee,
Gooftaan uumamaan na faaye.
________________________
Faaya hin hafne, kabaja guddaa,
Ilaalcha namaa tolchitu,
Gatii kee beeknaan ni bareeda,
Hojii Rabbii safuu guutuu.
Siin bareedu, siin ulfaatu,
Si uffannee kabajamna,
Diina kee mataa sochoofne,
Gaarumma kankee mul'ifna.
Gumaatni kee dachaadha,
Himamees,dubbatamee,
qalamni nfixu danda'ee
Wanta Rabbi nuuf tahe
___________________
Gaachana ija hamtootaa,
Boqonnaa qalbii naaf ta’ee,
Badhaasa natti uffisee,
Gooftaan uumamaan na faaye
_____________________
Qur'aanan si dubbatee
Gooftaan keenya guddatte
Zaalikum axharu,
Worra sirriitti offatee
Bilisoomse,sin na beeksise,
Sadarkaa kiyya mul'ise,
Yaadannoo bilisummaa ti
Awwalamuu na hambise
Yaa faaya kee, yaa ulfina,
Tiksaa fedhii sheexanaa,
Aasxaa birmadummaa ko,
Qaroomina koof guddinaa,
Hin affeeru qaama koo ,
Kennaa Rabbi naaf laate,
Ulfina keetinan tiksa,
Golgaa keetin of dhoksee.
______________________
Gaachana ija hamtootaa,
Boqonnaa qalbii naaf ta’ee,
Badhaasa natti uffisee,
Gooftaan uumamaan na faaye.
_______________________
Nan waamin karaa jallinaa
Mulqitee faaya qalbii koo
Hin fudhadhu affeerraa kee
Siif kenne kennaa Rabbii koo
Hijaabni koo Daawwitiidha,
Dhugaa keessa koo ibsa,
Isa ofirraa baasnan ,
Qalbii mu'uminaan cabsa.
Saahiba Nabiyyootaa ,
Onnee worra qulqulluu,
Mu'umintoota Rakkifnan,
Boru kootif hin tolu.
________________________
Gaachana ija hamtootaa,
Boqonnaa qalbii naaf ta’ee,
Badhaasa natti uffisee,
Gooftaan uumamaan na faaye.
________________________
Hijaabni miti siyaasa
Qabiyyee kiyya mul’isa,
Eenyummaa koo naaf ibsee,
Jijjiiramaaf na qopheessa.
Yaadaan yoo hammeeffame
Maqaan sitti mogga'e
Miidhagsaa gubbaa qaama
Qalbii Taqwaa sooru
Ajjeesaa hawwii Sheeyxana
Jaalala sirraan hiruu